header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hogganaan Paartii mormituu Kongoo bu’aa filannoo prezdaantummaa kan hin fudhanne tahuu beeksise

Komishiiniin Filannoo Kongoo DRC bu’aa Filannoo prezdaantummaa December 30/2018 geggefamee halkan dheengaddaa kan ibse yoo tahu, haaluma kanaan  hogganaa paartii mormituu kan tahe Mr Felix Tshisekedi sagalee 38.57% argatuun kan injifate tahuu beeksise. Haata’u malee kaadhimamaa prezdaantummaa fi hogganaa paartii mormituu biroo kan tahe Martin Fayulu bu’aa filannoo kana kan hin fudhanne tahuu beeksise.

 

Dubbi himaan  Mr Martin Fayulu ibsa guyyaa kaleessaa kenneen, Mr Fayuluun sagalee 62% argachuun kan injifate tahuu ibsuun, bu’aa filannoo Komishiinichi baase kana ragaa qabatamaan mana murtiitti kan mormu tahuu ibse. Martin Fayulu gama isaatiin rooytersiif yaada kenneen,  bu’aa filannoo Komishiinichaa kana diduun sagalee isaanii akka kabachiisan deeggartoota isaatiif waamicha dabarse.

 

Filannoo prezdaantummaa kana,  waldaan amantaa Kaatolikii biyyattii taajjabdoota 40,000 ol bobbaasuun kan hordofaa ture yoo tahu, bu’aan filannoo Komishiinicha irraa bahe kan waldichi laakkaheen adda tahuu ibsuun, waldaan amantaa Kaatolikiitis bu’aa komishiinichaa kan hin fudhanne tahuu beeksise. Beeljiyeemii fi Faransaayis bu’aa filannoo Kongoo kana irraa shakkii qabaachuu ibsan.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button