header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hogganoonni paartilee siyaasaa fi hayyoonni Oromoo haala yeroo irratti ibsa laatan

Ibsa kana irratti ,Gochi eeggumsa xinxalaa siyaasaa Jawar Muhammad irratti raawwatame gama kamiinillee fudhatama kan hin qabneefi jijjiirama kana kan fuulduratti hin ceesifne tahuu fi Ummanni gocha hammeenyaa kana ifatti mormuun aantummaa qabuun hayyoota isaa cinaa hiriiruun sirrii tahuus ibsan.

Haluuma kanaan kaleessa irraa kaasee hiriirri mormii guddaan magaalota Oromiyaa hedduu keessatti gaggeeffamaa jira, akkasumas daandiiwwan hedduunis cufamanii jiraachuun beekamadha.

Hogganoonni paartilee siyaasaa fi hayyoonni Oromoo dhimmicha laalchisuun ibsa kennaniin hiriirri akka dhaabbatu labsan. Itti fufuunis “Ammatti mariirra jirra. Hanga ejjannoo cimtuu tokkoon isinitti gad baanuu asitti hiriirri mormii akka dhaabbatuufi daandiiwwan cufaman akka banaman”jechuun dhaamsa dabarfatan.

Ibsa gaazixeessitootaaf kenname kana irratti Obbo Leencoo Lataa, Obbo Jawaar Muhammad, Obbo Galaasaa Dilboo, Obbo Daawud Ibsaa, Obbo Mulaatuu Gammachuu, Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa, Birgaadeer Jeneraal Kamaal Galchuufaan argamanii jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button