OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggantoonni Ityoophiyaa, Suudaan fi Masri dhimmi hidha laga Abbaay irratti mari’atan

Muummich Ministeera Ityoophiyaa Dr.Abiy Ahmad, Muummichi Ministeera Suudaan Dr. Abdallaah Hamdook fi Prezdaantiin Masrii Abdulfattaah Al Siisii, waamicha gamtaa Afrikaatiin dhimmi hidha laga Abbaay irratti mari’atan. Marii Kana irratti Dura Ta’aa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqhii, Prezdaantiin Afrikaa Kibbaa Seriil Ramofosaa dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa birootis Karaa Viidiyoo konferensiitiin kan irratti hirmaatan tahuun beekamee jira.
Mootummaan Ityoophiyaa ibsa kaleessa galgala baaseen mariin geggeeffamuu ibsuun alatti, qabxiilee marii fi bu’aa isaa irratti hanga ammaatti wanti ibse hin jiru. Haata’u malee AFP dabalate miidiyaaleen heddu Ityoophiyaan karoora bara kana hidhicha bishaaniin guutuuf qabatte dabarsuuf hayyamtee jirti jechuun gabaasaa jiran.

Waajjirri Muummicha Ministeera booda irra ibsa baaseen, waliigalteen kaleessaa irra gahame “biyyoonni sadeen torbaan lama keessatti akka walii galtee xumuraa irra gahan” kan jedhu qofa tahuufi, torbee lama booda Ityoophiyaan hidhicha bishaaniin guutuu kan jalqabdu tahuu beeksise.

Suudaan fi Masri hidha laga Abbaay irratti waliigalteen osoo hin mallattaayin Ityoophiyaan hidhicha bishaaniin guutuu akka hin jalqabneef, sochii dippilomaasii cimaa kan geggeessaa jiran yoo tahu, biyyoonni lamaan torbee dabre keessa yeroo lammataatiif Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka jidduu seenuu gaafatuu gabaafame.

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close