header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggantoonni Majlisa godina Baalee bahaa fi lixaa haarayatti muudaman

Godinni Baalee duraan tokko ture bakka lamatti adda baafamuun Baalee lixaa fi bahaatti kan qoodame yoo tahu, Qoodama bulchinsaa kana hordofuun Manni Marii Dhimmoota Islaamaatis (Majlisni) Alhada fi Isniina dheengaddaa bakka lamatti bahuun haarayatti hundeeffame.

Haaluma kanaan Alhada dabre march 8,2020 magaalaa Gindhiiritti, iddoo perizdaantiin Majlisa Oromiyaa Sheekh Hajjii Ibraahim dabalatee hoggantoonni Majlisaa naannoo kan biroo fi Ulamaan argamanitti, Sheikh Muhammad Aliiyyii Khadiir hogganaa, akkasumas Sheikh Amaan Sheikh Ahmad itti aanaa hogganaa mana marii dhimmoota Islaamaa Godina Baalee Bahaa tahuun muudaman.

Haaluma walfakkaatuun Wiixata dheengaddaa ammoo magaalaa Roobeetti filannoon hoggantoota Majlisa godina Baalee lixaa geggeeffame. Filannoo kana irrattiis Sheikh Abdulsalaam Xaahiir hogganaa, Sheikh Mahmuud Sheikh Muhammad Amaan itti aanaa tahuun muudamuu gabaafame.

Hoggantoota Majlisa Oromiyaa irraa warreen filannoo hoggantoota Majlisa godinaalee Baalee lamaan irratti
1. Sheekh Hajjii Ibrahim- Pr Majlisa Oromiyaa
2. Sheekh Abdulhamid Ahmad- itti aanaa pr Majlisa Oromiyaa
3. Dr Kamaal Galatuu
4. Dr Jeeylan Galataa fi Ulamaan birootis hirmaatanii jiran.
Akkasumas keessummoonni iddoo adda addaa irraa dhufan hordofaa turuu odeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button