header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Raashiyaa, Turkiyaa fi Iraan dhimma nageenya Suuriyaa irratti mari’atan

Hoggantoonni biyyoota sadeenii Raashiyaa magaalaa Sochii keessatti Khamiisa har’aa marii kan geggeessan yoo tahu, xiyyeeffannoon marichaa lola waggoota saddeetii oliif Suuriyaa keessatti  geggeeffamaa jiruuf furmaata xumuraa barbaaduuf tahuu gabaafame. Hoggantoonni kunniin,  humnoota Suuriyaa jiddutti walii galtee kanaan dura Kaazaakistaan magalaa Astaanaa keessatti mallatteeffame irratti hundaahuun, raawwii walii galtee kanaa keessatti gahee biyyoota  isaanii kan gamaaggaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Prezdantiin Turkiyaa marii kana ilaalchisee yaada kenneen, “ummanni Suuriyaa wal gahii keenna kana irraa bu’aa qabatamaa kan eegu tahuu ni hubanna,  nutis lola hamaa Suuriyaa unkuteesse kana goolabuudhaaf furmaata siyaasaa waaraa tahe barbaaduu irratti hojjataa jirra”jedhe. Erdogan itti dabaluudhaanis, Turkiyaan eega lolli kun ka’e irraa jalqabee Suuriyaa keessatti nageenyi akka bu’u carraaqqii gama hundaan godhaa jirtuun alattis, deeggarsa ummata Suuriyaatiif waggatti doolara biiliyoona 35 ol kan baasaa jirtu tahuu ibse.

 

Hoggantoonni sadeen har’a  waaree booda  marii isaanii xumuruun ibsa waloo kan kennan yoo tahu, lola dhaabsisuuf gareewwan biyyattii keessatti wal lolaa jiran jiddutti  marii jalqabsiisuu, akkasumas tokkummaa Suuriyaa eegsisuu irratti waliin hojjachuuf ejjannoo tokko irra gahuu beeksisan. Dabalataanis baqattoota Suuriyaa gara biyya isaanii deebisuu irratti biyyoonni sadeen waliin hojjaachuuf walii galuu himan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button