header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Waraana Suudaan Muummicha Ministeeraa aangoo irraa fonqolchanii turan deebisuu beeksisan

Waraanni  Suudaan Jeneraal Abdul Fattaah Al Burhaaniin hoogganamu ji’a dabre fonqolcha mootummaa raawwateen, Muummicha Ministeera biyyattii Abdallaah Hamdook dabalatee hoggantoota siviilii hedduu hidhuun ni yaadatama,

Waligaltee haaraya humna waraanaa, hoggantoota siviilii fi gareewwan finciltootaa duraanii jidduutti gaggeeffameen, hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadi dhiifamanii fi Abdallaah Hamdook gara angootti deebi’uun mootummaa ce’umsaa ogeeyyoota siviilii irraa hundaayu akka hoogganuu walii galuun beekamee jira. Haaluma kanaan sirna mallattoo har’a Khaartuum keessatti geggeeffameen Dr. Abdallaah Hamdook aangoo isaa deebisee fudhatee jira.

Haata’u malee qabxiileen walii galtee ammaa guututti ifa tahuu dhabuufi, keessumattuu gaheen humni waraana biyyatti  siyaasa keessaa qabu maal akka tahu hin ibsamne. Inumaayyuu qondaaltonni waraanaa mana marii mootummaa ce’umsaa hogganauudhaan kan itti fufan tahuu ragaaleen booda irra bahan ni addeessu.

Fonqolcha torbaan sadi dura geggeeffame hordofuun Magaalaa guddittii Khaartuum dabalatee, magaalota hedduu keessatti mormii geggeeffamaa tureen, namootni hiriira mormii ba’an goommaa guggubanii, daandilees cufuun humni waraanaa angoo guututti mootummaa siviiliitti akka deebisu gaafataa turan. Humni waraanaa ammoo mormitoota kana irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun, dhukaasa banuun himatama.

Haaluma walfakkaatuun hawaasni addunyaa fonqolcha kana balaaleffachuun, hidhamtoonni siyaasaa akka gadhiifamaniif gaafataa ture. Baankiin Addunyaa gargaarsa Sudaaniif kennaa ture addaan kutuun, Gamtaan Afrikaa  ammoo miseensummaa biyyatti yeroof haquun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button