Hoogganaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan duraanii Kofi Anan du’e

Kofi Anan Sabtii har’aa Siwizerland Magaalaa Jeneva kessatti du’e. Mr Anan bara 1997 hanga 2006tti Barreessaa ol’aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tahuun, marsaa lamaaf UN hooggane. Anan hujii namoomaa cimaa hojjateen badhaasa Nobel Prize argatee jira. Kofi Anan lammii Gaanaa yoo tahu, bara 1938 magaalaa Kumaasii jedhamtutti dhalate.

Comments
Loading...