header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Hundeessaan Facebook dhaabbatichi Odeeyfannoo fayyadamtootaa qaama biraatif dabarsee kennuu isaatiif dhiifama gaafate

Hundeessaa fi hoogganaan “Facebook” Mark Zuckerberg dhaabbnni isaa amantaa fayyadamtoonni irra kaayatanii fi “qajeelfama dhaabbatichaa kan iccittii fayyadamtootaa eeguu” jedhu cabsuudhaan, dhoksaan odeeyfannoo fayyadamtoota 50,000,000 dhaabbata “Cambridge Analytica” jedhamuuf dabarsee kennuu isaatiif dhiifama gaafate.

Dhaabbanni Facebook bara 2015 keessa odeeyfannoo fayyadamtootaa 50,000,000 dhoksaan dhaabbata biyya Briteen “Cambridge Analytica” jedhamu kan fedhii fi ilaalcha siyaasaa ummataa qoratuuf dabarsee kenne. Dhaabbanni Cambridge Analytikaa ammoo odeeyfannoo ummataa walitti qabe kana duula filannoo Prezdaant Donaald Traampiif kennuu isaa iccitiin eega baheen booda, dhaabbilee fi biyyoonni addunyaa heddu dhaabbatichi dhimmicha irratti deebii gayaa tahe akka kennu gaafataa jiru.

Hundeessaa fi Hoogganaan “Facebook” Mark Zuckerberg gaafii fi deebisaa televizyoona CNN waliin gaggeesseen “Icitii Odeeyfannoo fayyadamtoota eeguun itti gaafatamummaa dhaabbatichaa ture, kana yoo hin godhin ammoo ummata tajaajiluu mirga hinqabnu, kanaafuu dogongora uumameef dhiifama gaafadha” jedhe. Haata’u malee Zuckerberg badii kana amanuuf waggaa sadi guutuu maaliif akka ture hin himne.

Yakki dhaabbatichi hojjate eega saaxilameen asitti guyyoota shanan dabran keessaa, gatiin gurgurtaa aksiyoonaa “Facebook” garmalee kufuun, dhaabbatichi gatii aksiyoonii dollaara billiyoona 60 ol tahu kan kasaare tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa. Hogganaa fi hundeessaan dhaabbatichaatis doollara billyoona 5tti shallagamu kan kasaare tahuu gabaasni Rooyters ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button