header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Ibsa ljjannoo Yaa’ii hundeeffama Liigii Ulamaa’otaa fi Du’aata Oromiyaa

1/ Nuti Ulamaa’onniifi Du’aatni Naannoo Oromiyaa gaaddisa gamtaa (Liigii) ulamaa’otaa fi du’aata Oromiyaa guyyaa har’aa Amajjii 30 /5/2013 ijaarree jirra.
2/Akkuma dambiin ittiin bulmaata Caayaa kanaa ibsutti Qur’aanaa fi hadiisa Rasuulaatti (SAW) hojjachuuf, tokkummaa Muslimootaa tiksuufi obbolummaa Islaamaa jabeessuuf ni hojjanna.

3/Bu’uura amantii keenyaa qabachuun amantiilee biroo wajjin nagaan jiraachuufi walkabajuu barsiisuufi hojitti hiikuun dirqama amantii keenyaa ni baana.

4/ Hojiilee gurguddoo Manni Marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa (Majlisni Oromiyaa) hojjataa jiru ni deeggarra. Fuula duras kana caalaa hojjachuun amaanaa ummataa akka bakkaan gahan humna taanee bira dhaabbanna.

5/Majlisni federaalaa wal dhabbii isaaniifi majlisa naannolee jidduu jiru,
akkasumas waldhabbii ulamaa’otaafi boordii isaanii jidduu jiru tasgabbiifi adaba Islaamummaatiin akka furu ni gaafanna. Akkasumas majlisni Federaalaa alseerummaafi ummata Islaamaa adda qooduu dhiisuun itti gaafatamummaa isaa akka bahuufii ummata Muslimaa kabajamaa kana akka bakka bu’u nigaafanna.

6 / Yeroo kamuu ummata Muslimaa addaan qoqqooduu, maqaa garagaraa itti moggaasuu
ni balaaleffanna. Maqaa Rabbiin nuun yaameefi nuu jaalateen Muslima jennee of yaamna.

7/ Liigiin ulamootaafi du’aatota Oromiyaa yoomiyyuu caalaa ijaarsa biyyaatiifi nageenya naannoo keenyaa tiksuufi eeggachuu irratti adda duree tahee ni hojjata.

Allahu Akubar.
30/05/2013 Adaamaa.

بسم الله الرحمن الرحيم

أصدرت رابطة العلماء والدعاة في أوروميا البيان الختامي بعد اجتماعها التأسيسي في مدينة أداما.

1- نحن العلماء والدعاة في أوروميا قد أسسنا مظلة جامعة تسمى “رابطة العلماء والدعاة في أوروميا” وصادقنا على نظامها التأسيسي بالاجماع ØŒ
ونسعى لإنجاح أهدافها المذكورة في النظام التأسيسي.
2- عملا بكتاب الله وسنة رسوله صلى الله عليه وسلم نسعى للحفاظ على وحدة المسلمين وتوطيد الأخوة الإسلامية .
3 – نؤدي واجبنا تجاه تعليم وتطبيق مبدأ التعايش السلمي
مع Øير المسلمين مع الحفاظ على ثوابتنا الاسلامية.
4- نثمن ما قام به المجلس الأعلى للشئون الإسلامية في أوروميا وجهوده الجبارة ونساهم
في إنجاح أهدافه وبرامجه .
5 – نطالب المجلس الفيدرالي بحل الخلاف بينه وبين المجالس الإقليمية، ونطالبهم بتطبيق القانون Ùˆ القيام بمهامه وتحمل مسؤلياته حتى يكون مجلسا يمثل الشعب المسلم لكي يقوده الى تحقيق طموحاته وتطلعاته.
6 – نرفض الالقاب المفرقة بين المسلمين ونسمي أنفسنا بما سمانا الله بها ورضي لنا امتثالالقوله تعالى (هو سماكم المسلمين) .
7 -نؤكد على ان الرابطة تساهم في تحقيق الأمن والسلم الاجتماعي وتوعية المجتمع .

الله اكبر الله اكبر الله اكبر

التاريخ 25جمادى الثاني 1442هـ
الموافق 30 /5/ 2013 اداما

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button