header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Iiraan Humni Galaana Ameerikaa Markaba isii danquuf yaalii godha taanaan deebisaa hamaa kan kennitu tahuu akeekkachiiste

Markabni Mootummaa Iiraan Boba’aa fe’atte takka gara Venezweelaa imala jalqabuu eega gabaafamee boode, Ameerikaan Markabattii irratti tarkaanfii kan fudhattu tahuu ibsite. Kanuma hordofuun humni eegumsa warraaqsa Iiraan IRG jedhamu, Ameerikaan Naannawa Galaana Idil Addunyaa keessattii gocha Shiftaa raawwachuuf kan yaaltu yoo tahe, tarkaanfii hamaa fudhachuuf qophoofnee jirra jechuu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Dubbii himaan mootummaa Iiraan Ali Rabii’i gama isaatiin dhimmicha irratti yaada kenneen “Iiraan fi Venezweelaan biyyoota walabaa birmadummaa mataa isaanii qaban waan tahaniif, hariiroo daldalaa waliin geggeessuuf hayyama qaama biroo irraa hin barbaadan”jedhe.
Ameerikaan kanaan dura dhaabbilee boba’aa Iiraan fi Venezweelaa irra qoqqobbii cimaa keetteen, biyyoonni lamaan boba’aa isaanii gabaa Addunyaatiif akka hin dhiheessine dhoorkaa kan turte tahus, Bulchiinsi Traamp tarkaanfii amma Markaba Iiraan irratti fudhatuuf yaade maal akka tahe hin ibsine.

Bara dabres humni Galaana Briteen Markaba Iiraan boba’aa fe’attee imalaa turte takka eega danqee booda, Iiraan haaluma walfakkaatuun naannawa Galaana Parshiyaa keessatti Markaba Briteen danquu isii hordofuun, biyyoonni lamaanuu boda irra jaarsummaadhaan Markaboota gama lamaaniituu gad lakkisuun ni yaadatama.

Mootummaan Venezweelaa gama isaatiin kanaan duras yeroo heddu boba’aa Iiraan irraa bitataa akka ture qofa beeksise.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button