Iiraan Xiyyaara waraanaa biyya keessatti oomishuu jalqabde

Xiyyaarri waraanaa Iiraan oomishuu jalqabde kun, dizaayinii irraa jalqabee hanga oomishaatti 100% teeknolojii fi ogeeyyota biyya keessaatiin tahuun beekameera. Dabalataanis Xiyyaarri waraanaa kun hammayyaawaa fi teeknolojii haaraya kan qabu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Iiraan August darbe Xiyyaara waraanaa biyya keessatti hojjachuu isii kan beeksifte yoo tahu, guyyaa hardhaa Xiyyarri jalqabaa humna qilleensa biyyattiitiif kennamee jira. Ministeerri Ittisa Iraan Amir Hatami akka jedhetti, Iiraan humna qilleensa biyyaatiif xiyyaarota hanga barbaachisan dhiheenyatti oomishitee hujii irra kan oolchitu tahuu hime.

Xiyuyara Iiraan.jpg

 

 

 

 

Comments
Loading...