header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ijaarsi manneenii Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwattu kamiyyuu seera addunyaa kan cabsu tahuu ibsame

Ameerikaan kanaan dura ijaarsa Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwattu akka ijaarsa seeraan alaatti kan ilaala turte tahus, ministeerri haajaa alaa Maayik Pompiyoo wixata kleessa ibsa kenneen “Ameerikaan kana booda ijaarsa Israa’el West Bank keessatti raawwattu akka ijaarsa seeraan alaatti hin ilaaltu”jedhe.

Kanuma hordofuun UN dabalatee dhaabbileen idil addunyaa fi biyyoonni heddu labsii Ameerikaa kana balaaleffataa jiran. Haaluma kanaan UN’tti dubbi himaan Dhaabbata Mirga Namoomaa Rupert Colville ibsa Kiibxata har’aa miidiyaaleef kenneen, “Ijaarsi qubsumaa Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwattu kamiyyuu seera addunyaa kan cabsu; Ameerikaan dhimmicha irratti ilaalcha isii jijjiiruun seeraa idil Addunyaa kan jijjiiruu miti”jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun Biyyoonni addunyaa heddu “labsiin Ameerikaa kun seera addunyaa kan faallessu”jechuun balaaleffataa jiran. Biyyoota kanneen jidduu Turkiyaa, Raashiyaa, Indoneezhiyaa, Jarman fi Paakistaan keessatti argamu.
Israa’el bara 1967 dachii Falasxiinotaa humnaan eeg qabattee booda, manneen seeraan alaa naannolee 100 ol keessatti ijaaruun, lammiilee isii 650,000 ol kan qubsiiste tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Akka seera addunyaatti qubsumni Yahuudotaa naannawa West Bank fi Al-Qudsi keessatti ijaaraman hundi seeraan ala.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button