Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Ijaarsi manneenii Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwattu kamiyyuu seera addunyaa kan cabsu tahuu ibsame

Ameerikaan kanaan dura ijaarsa Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwattu akka ijaarsa seeraan alaatti kan ilaala turte tahus, ministeerri haajaa alaa Maayik Pompiyoo wixata kleessa ibsa kenneen “Ameerikaan kana booda ijaarsa Israa’el West Bank keessatti raawwattu akka ijaarsa seeraan alaatti hin ilaaltu” jedhe.

Kanuma hordofuun UN dabalatee dhaabbileen idil addunyaa fi biyyoonni heddu labsii Ameerikaa kana balaaleffataa jiran. Haaluma kanaan UN’tti dubbi himaan Dhaabbata Mirga Namoomaa Rupert Colville ibsa Kiibxata har’aa miidiyaaleef kenneen, “Ijaarsi qubsumaa Israa’el dachii Falasxiin keessatti raawwattu kamiyyuu seera addunyaa kan cabsu; Ameerikaan dhimmicha irratti ilaalcha isii jijjiiruun seeraa idil Addunyaa kan jijjiiruu miti” jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun Biyyoonni addunyaa heddu “labsiin Ameerikaa kun seera addunyaa kan faallessu” jechuun balaaleffataa jiran. Biyyoota kanneen jidduu Turkiyaa, Raashiyaa, Indoneezhiyaa, Jarman fi Paakistaan keessatti argamu.
Israa’el bara 1967 dachii Falasxiinotaa humnaan eeg qabattee booda, manneen seeraan alaa naannolee 100 ol keessatti ijaaruun, lammiilee isii 650,000 ol kan qubsiiste tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Akka seera addunyaatti qubsumni Yahuudotaa naannawa West Bank fi Al-Qudsi keessatti ijaaraman hundi seeraan ala.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

2 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaatti  Namoonni 5 ajjeefamuu gabaafame

Ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti mormiin hammatee jira, haaluma kanaan mormii…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuu gabaafame

Miidiyaan OMN Waajjira Ameerikaa irraa akka gabaasetti, Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqalaa Garbaa dabalatee…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Artist Haacaaluu Hundeessaa Ajjeefame

Artist Haacaaluu Hundeessaa galgala harraa magaalaa Finfinnee naannoo Galaaniitti rasaasaan dhahame kan ajjeefame tahuu gabaafame.…

4 days ago