header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Ikhlaasa fi mutaaba’aa (Ergamaa Rabbii hordofuu)-Gali Abbaa Boor

Madaalli dalagaa ilma namaa hunduu niyyaa irratti hundaa’a. Niyyaa bakka lamatti qooduun ni danda’ama. Isaanis: Ikhlaasaafi niyyaa dalagaa ittiin adda baasanuudha. Ulaagaan hojiin ittiin qeebalamu lamatu jira. Isaanis hojichi Rabbiif ta’uu (Ikhlaasa qabaachuu) fi kallattii sharii’aan kaa’een hojjatamuudha.

Ikhlaasa jechuun waan dalaganuun mindaa Rabbiin biraa barbaadanii dalaguudha. Namni ikhlaasa qabu akka wanti Rabbiin biraa hunda irra caalu sirriitti beeka. Kanaafuu bu’aa addunyaa barbaachaaf jecha dalagaa khayrii hin dalagu. Wanti uumama biraa akka baduufi kan Rabbii hafaa akka ta’e ni beeka.

Rabbiin ni jedhe: “Wanti isin biraa ni dhuma. Wanti Rabbiin biraa immoo hafaadha. Isaan obsaniif mindaa isaanii irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina” (An-nahl: 96).

Namni kana beeke immoo hojiin isaa hundinuu kabajaa nama biraa barbaacha ta’uu bira tarti; akkasumas faayidaa duuniyaa duubatti dhiifti. Fedhii lubbuutiin deemuu irraas ni duroomti. Sawaabuma Rabbii barbaacha qofaaf jecha hojjata.

Rabbiin ni jedhe: “Nama addunyaa jerjertuu taate kana fedhu, ishee keessatti nama feeneef waan feene jerjersina. Ergasii Ibidda jahannam arrabsamaa, darbamaa ta’ee kan seenu isaaf goona. Nama Aakhiraa fedhee haala dhugoomsee jiruun hojii ishee isiif hojjate, warra san hojiin isaanii galateeffatamaa ta’eera” (Al-israa’i:18-19).

Yoo niyyaan inni kun bade hojichi guutummaan guutuutti ni bada. Walumaa galatti hanqinni ikhlaasaa hojii diinii hunda ni jeeqa; hawaasa guutuu wal lolchiise. Daa’iifi daa’ii walitti naqa. Kanaafuu Rabbiin sodaannee fuula isaa barbaachaaf qofa haa dalagnu.

Niyyaan inni lammaffaa immoo gosa hojii adda baasuuf tajaajila. Fakkeenyaaf salaata sunnaafi waajiba adda baasuuf nu gargaara. Dhiqannaa aadaafi kan janaabaa adda foo’uuf tajaajila. Kana hunda keessattuu ibaadaan kamuu sunnaa Ergamaa Rabbiitiin (saw) wal galuu qaba. Faallaa sanaa taanaan gonkuma fudhatama hin qabaatu. Kana hundaafuu bu’uurri hadiisa armaan gadiiti:

Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Hojiin kamuu sirrii ta’ee kan argamu niyyaadhaani. Nama hundaafuu wanta inni niyyatetu jira. Namni godaansi isaa (niyyaadhaan) gara Rabbiifi Ergamaa isaa ta’e, godaansi isaa (mindaadhaanis) garuma Rabbiitiifi Ergamaa Isaati. Namni godaansi isaa gara addunyaa ishee argatuu yookiin dubartii ishee fuudhuu taate godaansi isaa (mindaadhaanis) garuma waan itti godaaneeti.”

Yaa Rabbi ikhlaasaafi Ergamaa kee hordofuu nu waffaqi.
اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button