header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ilhaan Umar filannoo miseensota Kongirasii Ameerikaa marsaa duraa injifatte

Dubartii dhalattuu Somaaliyaa miseensa Kongirasii Ameerikaa Ilhaan Umar, Kongirasii Ameerikaa keessatti yeroo lammataa itti fufuuf, filannoo marsaa duraa ( primary election) jedhamu sagalee caalmaa taheen injifatte. Ilhaan Umar Bulchiinsa Minisootaa keessatti naannawa 5th District jedhamu bakka bu’uun, kaadhimamtoota isii waliin dorgoman kanneen biroo lama sagalee ol’aanaa taheen kan injifatte yoo tahu, haaluma kanaan filannoo marsaa lammataa November dhuftu geggeeffamu salphatti kan injifattu tahuu gamanumaa ibsamaa jira.
Ilhaan Umar fi Xaalibaa Rashiid Kongirasii Ameerikaa keessatti dubartoota Muslimaa yeroo jalqabaatiif filataman yoo tahan, dubartiin hidda dhalata Falasxiin qabdu Xaalibaanis filannoo primary kutaa Michigan keessatti kanaan dura geggeeffameen marsaa duraa injifattee jirti.
Odeeyfannoo Wal qabateen filannoo Przdaantii Ameerikaatiif kaadhimaamaan Paartii Dimokraatotaa Jo Biden, dubartii miseensa seeneetii Ameerikaa Miss Kamala Harris itti aantuu isaa godhuun filate. Kamala Haris kutaa Kaaliforniyaa bakka bu’uun miseensa seneetii Ameerikaa taatee osoo hin filataminiin duratti Haadha Alangaa kutaa bulchiinsa Kaaliforniyaa turte.
Jo Biden Prezdaantii Traamp injifachuudhaaf gamanumaa qophii cimaa irra kan jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Filannoo Ameerikaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button