header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indiyaa keessatti dararaan Muslimoota irratti raawwatamu hammaataa dhufuu gabaafame

Weerara Vaayirasii Koroonaa Indiyaa keessatti babal’ataa jiruun wal qabatee, dararaan muslimoota biyyattii irratti raawwatamus kan hammaate tahuu gabaafame. Mootummaan biyyattii jalqaba ji’a kanaa Jama’aa Muslimoota tokko “of-eggannoo malee kora da’awaa geggeesseen vaayirasichi bal’inaan akka tamsa’u godhe”jechuun eega yakkee booda, dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa muslimoota biyyattii irratti dararaa raawwatan kan dur caalaa hammeessanii jiru.

Haaluma kanaan Hospitaalonni mootummaa fi dhuunfaa hedduun muslimoota biyyattii tajaajiluu kan didaa jiran tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Dararaan muslimoota irratti qajeelfama caasaa mootummaa Indiyaatiin raawwatamu kun, muslimoota addunyaa hunda dallansiisee jira. Kanuma hordofuun Gamtaan Biyyoota Islaamaa Alhada dheengaddaa ibsa baaseen, “Indiyaa keessatti tamsa’ina Vaayirasii koroonaatiif Muslimoota biyyattii yakkuun, olola miidiyaa fi mootummaan geggeeffamu ni balaaleffanna; dararaa muslimoota irratti hammaata dhufes mootummaan akka dhaabsisu ni gaafanna”jedhe.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan Indiyaa finxaaleyyii amantaa Hinduutiin hogganamu, Khaashimiir keessattis weerara vaayirasii koroonaa to’achuuf labsii yeroo muddamaa bahe dahoo godhachuun, hoggantoota hawaasa muslimaa heddu kan hidhaa jiru tahuu gabaafame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button