header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indiyaa keessatti jeequmsa namoonni Jibbiinsa Islaamaa qaban uumaniin lubbuun namaa dabruu gabafame

Indiyaa magaalaa Bengaluru jedhamtu keessatti namoonni jibbiinsa Islaamaa qaban barreeffama Nabi Muhammad arrabsu Fuula Feesbuukii irratti eega maxxansiin booda, muslimoonni magaalatti kumaatamaan lakkaahaman gocha jibbiinsaa kana balaaleffatuuf daanditti bahan. Kanuma hordofuun poolisoonni tarkaanfii humnaa fudhataniin yoo xiqqaate namoonni sadi akka ajjeefamanii fi kanneen biroo hedduun ammoo kan madaahan tahuu gabaafame.


Qondaaltonni Poolisii magaalatti ibsa kennanniin, namoota jeequmsa kanaaf sababa tahan jiddu tokko fira miseensa kongirasii Indiyaa tokko akka taheefi, namni kun too’annoo jala kan oolfame tahuus beeksisan.


Namoonni hiriira bahan kunniin mana namticha miseensa kongirasii biyyattii tahe kanaa dabalatee, buufata Poolisii fi manneen daldalaa heddu ibiddaan akka guban odeeyfannoon ni mullisa.
Mootummaan Indiyaa finxaaleyyii amantaa Hinduutiin hogganamu biyyattii bulchuu eega jalqabee asitti, dhiibbaa fi dararaan muslimoota irratti raawwatu kan babal’ataa dhufe tahuus ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button