header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaa

Indiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 4 dabre


Indiyaa keessatti guyyoota lamaan dabran qofa vaayirasichi namoota 170,000 ol irratti kan argame yoo tahu haaluma kanaan lakkoofsi lammiilee biyyattii vaayirasichi irratti argame 4,109,476 gahee jira. Lakkoofsi namoota sababa vaayirasii koroonaatiin du’anii ammoo 70,600 kan dabre tahuu odeeyfannoonni addeessa. Haaluma kanaan baayi’ina namoota vaayirasichaan qabamaniitiin Indiyaan Braaziil dursuun Ameerikaatti aantee sadarkaa lammaffaa irra jirti.
Ameerikaa keessatti hanga ammaatti namoota 6,410,295 vaayirasichaan qabaman jidduu 192,425 sababa vaayirasichaatiin kan du’an yoo tahu, Braaziil keessatti ammoo namoota 4,093,586 vaayirasichaan qabaman jidduu 125,659 sababa vaayirasichaatiin du’uu ragaaleen ni addeessu.

Waluma galatti guutuu addunyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatii qabamanii 26,956,917 gahee jira. Hanga ammaatti namoonni 881,493 sababa vaayirasii kanaatiin kan du’an yoo tahu, namoonni miiliyoona 19 ammoo dhibee kana irraa fayyanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button