header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indoneezhiyaan Xiyyara Ityoophiyaa seeran ala biyya isii qaxxaamuraa ture tokko qabuu beeksiste

Xiyyaarri meeshaa fe’u (Cargo) kan qabeenyummaan isaa dhaabbata daandii qilleensa Ityoophiyaa tahe kun Finfinnee irraa gara Hong Kong kan imalaa ture yoo tahu, hayyama malee daangaa qilleensa Indoonezhiyaa keessa seenuu isaa hordofuun, Xiyyaaronni waraana biyyattii lama dirqisiisuun kan qubachiisan tahuu gabaafame.

 

Dubbi himaan buufata Xiyyaarichaa Marshal Novyan Samyoga Rooytersiif akka himetti, Xiyyaarri Kaargoo Boing 777 tahe kun yeroo ammaa Iddoola Batam  buufata Xiyyaara Hang Nadim international airport  jedhamu keessa kan qubsiifame tahuu ibse. Iddoolli Batam Singapore irraa gara kibbaatti kan argamtu tahuunis beekamee jira.

Qondaaltonni dhaabbata daandii qilleensa Ityoophiyaa dhimmicha irratti hanga ammaatti ibsi kennan hin jiru.

Xiyyaara Kaargoo

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button