header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Inistityuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa lakkoofsi namoota Vayirasiin Kooornaa irratti argame 43 gahuu beeksise

Inistityuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Alhada har’aa baaseen, Ityoophiyaa keessatti Bitoteeysa 3/2012 namni jalqabaa Vayirasii Koroonaatiin qabame argamuu eega mirkanaahee booda, lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii dabalaa jiraatuu ibsuun, Sa’aatii 24 darban keessa namoota 59 irratti qorannoo geggeeffameen, namoonni shan vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’eera. Namoonni sadi lammii Ityoophiyaa, tokko lammii Eertiraa tokko ammoo lammii Liibiyaa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Akka ibsa Inistitiyuutichaatti namoonni shananuu magaalaa Finfinnee keessa akka turanii fi isaan jidduuu namoonni 4 imala biyya alaa irraa kan deebi’an yoo tahan, tokko ammoo gara biyya biroo imalaa kan hin beekne tahus, nama amma dura vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’e waliin qunnamtii qabaachuu ibsame.

Amma dura Itoophiyaan walumaagalatti namoota 1843 qofaaf qorannoo COVID19 kan goote yoo ta’u, lakkoofsi kun kan biyyoota biroo waliin yoo madaalamu daran xiqqaadha.

Gama biraatiin ammoo Suudaan Kibbaa namni Vayirasiii Koroonaatiin qabame biyyattii keessatti argamuu gabaaste. Akka ibsa Wajjira Itti aanaa Prezdaantii irraa bahe mul’isutti, Dubartiin ganna 29 biyyatti keessatti yeroo duraaf vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’e tun, Guraandhala 28 Neezarlaandis irraa Finfinnee qaxxamurtee Jubaa galte.

6 Comments

  1. Rarrabbii nurraha debissii dhibbee kanha hin dadettaa yarrabbii🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲😭😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button