header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Federaalaa Injinar Simmanyaw Baqqala rasaasaan rukutamee ajjeefamuu beeksise

Komishinar Janaraalli Komiishinii Poolisii Federaalaa Zeynuu Jamaal waaree booda ibsa kenneen, Injinar Simmanyaw Baqqala gurra bitaa duuba rasaasaan rukutamee ajjeefamuu ibse. Komishinar Zeeynuun dhimma ajjechaa  kanaa qulqulleessuuf poolisiin hojjataa jira jedha. Komishinarichi, Qorannoon reeffaa Hoospitaala Phaawloositti gaggeeffamaa kan jiru tahuu ibsuun, ummanni obsaan bu’aa qorannoo akka eegu dhaame.

 

Injinar Simmanyaw ganama har’aa naannoo waajjira isaa akka ture odeeyfannoo kan argame tahuu poolisiin Federaalaa beeksise. Dabalataanis dhimmicha sirritti qulqulleessuuf waajjirri isaa qorannaaf eegumsa jala jiraachuu Jeneraal Koomiishinar Zaynuu Jamaal hime.

 

Gama biraatiin ammoo Injinarichi guyyaa hardhaa adeemsa hujii hidha laga Abbaay ilaalchisee gaazexeessitootaa ibsa kennuuf akka ture maddeen gabaasaniiru. Ajjeechaan Injinar Simmanyaw eega dhagahamee booda jiraattonni magaalaa Finfinnee, Dhaabbata Televizhiinii Itoophiyaa fuulduratti mormii dhageessisaniiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button