header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Injinar Taakkalaa Uumaa qindeessaa gamtaa kantiibota Afrikaa tahuun filatame

Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii jalaatti, Ejensiin Gorsaa dhimmoota Afrikaa , Itti aanaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee kan ta’e Injinar Taakkalaa Uumaa, qindeessaa gamtaa kantiibota Afrikaa fi dura taa’aa naannoo baha Afrikaa (Global Alliance of Mayors and Leaders; East African Chair) gochuun filate.

Prezdaantiin dhaabbata “African Renaissance and Diaspora Network”Dr Jibriil Diyaaloo akka jedhetti, Injinar Taakkalaan jijjiirama amma magaalatti keessatti muldhata jiru hordofuun taayitaa kanaaf kan filatame tahuu ibse.

Injinar Takkalaa Uumaa eegaa muummichi ministera Dr Abiy Ahmad gara aangootti dhufee booda hoggaanaa magaalaa Finfinnee tahuun muudamus, yeroo gabaabaa keessatti sochii cimaa magaalattii keessatti raawwataa jiruun beekkamtii guddaa argataa dhufee jira. Takkalaa Uumaa kanaan duras dhimma maastar pilaanii magaalaa Finfinnee irratti hoggantoota duraanii dura dhaabbatee ejjannoodhaan mormaa turuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button