Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Isara’el ajajaa ol’aanaa Waraana Bilisummaa Falasxiin Bahaa Abu-ataa ajjeeste

Gareen hidhattoota Falasxiin ibsa baaseen, “waraanni Israa’el haleellaa halkan edaa xiyyaaraan mana jireenyaa Bahaa Abu-ataa irrtti raawateen, komaandarri keennaa fi haatii manaa isaa wareegamanii jiru” jedhe. Gareen Qabsoo Bilisummaa Falasxiin itti dabaluudhaanis, ajjeechaa Komandara isaa kana haloo bahuuf Israa’el irratti tarkaanfii laalessaa kan fudhatu tahuu beeksise.

Haaluma wal fakkaatuun Gareen Hamaas kan Gazzaa bulchu ibsa baaseen, “Israa’el yakka raawwatte kana hordofuun gaaga’ama dhufu hundaaf itti gaafatamumma fudhachuu qabdi; qaamonni ajjeechaa kana raawwatan ammoo adabbii jalaa hin miliqan” jedhe.

Waraanni Israa’el gama isaatiin, haleellaan halkan edaa Gazzaa keessatti raawwatame ajaja kallattidhaan Muummicha ministeeraa Benjaamin Netaniyaahuu irraa dhufe tahuu ibsuun, “haleellaawwan dhiheenya kana Gazzaa irraa Droonii, Rokkeetii fi Bifleen Israa’el keessatti raawwataman hunda Bahaa Abu-ataan qindaayan; ammas haleellaa bal’aa tahe Israa’el irratti raawwachuuf karoorfatee socho’aa ture” jechuun yakke.

Ajjeechaa halkan edaa kana hordofuun hidhattoonni Falasxiin ganama har’aa rokkeetiiwwan heddu gara Israa’el kan dhukaasan yoo tahu, mootummaan Israa’el jiraattonni Kibba fi Jiddu galeessa biyyattii of eeggannoo cimaa irra akka turan akeekkachiisee jira.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lakkoofsi Namoota Naannoo Oromiyaatti ajjeefamanii 100 ol tahuu ibsame

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad Guyyaa har'aa marii haala yeroo irratti qondaaltota mootummaa waliin kan taasise…

14 mins ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan…

2 days ago
  • Breaking
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni 35 to’atamuu ibse

Komishiniin poolisii Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa ibsa waloon miidiyaa biyya keessaatiifi kennaniin, Obbo Jawaar Muhammad…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Adaamaatti  Namoonni 5 ajjeefamuu gabaafame

Ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti mormiin hammatee jira, haaluma kanaan mormii…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa hidhamuu gabaafame

Miidiyaan OMN Waajjira Ameerikaa irraa akka gabaasetti, Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqalaa Garbaa dabalatee…

3 days ago