Xiyyaaronni waraana Israa’el 6 halkan kaleessaa daangaa Lubnaan seenuun gara buufata waraana Suuriyaa magaalaa Damashiq cinatti argamuutti boombiiwwan 17 kan darbatan yoo tahu, humni ittisa qilleensa Suuriyaa boombiiwwan 14 ol qilleensa irratti kan fashaleesse tahuu gabaafame. Haata’u malee boombiin lama kuusaa meeshaa waraana Suuriyaa rukutuun loltoonni mootummaa sadi kan maadayaan tahuun beekamee jira.
Raashiyaan haleellaa Israa’el kana kan balaaleffatte yoo tahu, ministeerri Ittisa Raashiyaa ibsa baaseen akka jedhetti, Xiyyaaronni waraana Israa’el haleellaa Suuriyaa keessatti raawwataniin xiyyaarota Siviilii lama ummata fe’atanii imalaa turan, balaa hamaa keessa galchanii turan jechuun yakke. Dubbi himaan Ministeera Ittisa Raashiyaa Igor Konashenkov ibsa kenneen, too’attoonni qilleensa Suuriyaa xiyyaarota lamaan daandii imala isaanii jijjiirsisuun balaa kana irraa kan baraaran tahuu hime.
Israa’el September dabre haleellaa Suuriyaa keessatti raawwatteen Xiyyaarri Raashiyaa tokko eega rukutamee booda, Raashiyaan Ittisa misaa’elaa S-300 jedhamu Suuriyaa kennuun isii ni yaadatama.
Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…
Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…
Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…
Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…
Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…
ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…