header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el ji’a dabre keessa qofa Falasxiinota 378 hiitee

Gareewwan mirga namoomaatiif falman 3 gabaasa Isniina har’aa baasaniin, Israa’el west bank fi Gaazaa irraa ji’a September keessa qofa Falasxiinota 378 himannaa irratti osoo hin banin manneen hidhaa keessatti kan uggurte tahuu ibsan.
Falasxiinota hidhaman jidduu 10 dubartoota yoo tahan, 52 ammoo ijoollee umriin isaanii 18 gadii akka tahan gabaasni kun ni mul’isa.
Israa’el qajeelfama Falasxiinota himannaa tokko malee uggurtee tursiisuu kan baafte tahuu gabaasichi ni addeessa.
Gareewwan mirga namoomaa gabaasa har’a baasan kanaan lakkoofsi Falasxiinota manneen hidhaa Isra’el keessatti dararamaa jiranii ijoollee 200 fi dubartoota 50 dabalatee walumaa galatti nama 6430 ol tahuu beeksisan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button