header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Isra’eel Gaazaa keessatti Haleellaa Boombii raawwatte

Haleellaan Isra’eel guyyaa har’aa qilleensa irraan Gaazaa keessatti raawwate kun eega bara 2014 asitti isa hamaa tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Waraanni Isra’eel ibsa baaseen buufataalee garee Hamaas irratti xiyyeefachuun xiyyaarota waraanaatii haleellaa raawwachuu beeksise.

 

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate Falasxiinonni afur madaayuun hospitaala Raafaah keessatti kan wal’aanamaa jiran tahuu ejensiin odeeyfannoo Falasxiin gabaase. Gareen Hamaas gama isaatiin, haleellaa Isra’eel kana hordofuun rookkeetaa fi Moortaara 30 ol gara Isra’eel furguugachuu ibse.

 

Isra’eel haleellaa Gaazaa keessatti raawwattu dhiheenya kana kan hammeessite yoo tahu, Jum’aa kaleessaa qofa loltoonni Isra’eel Falasxiinota harka qullaa mormii dhageessisaa turan irratti dhukaasuun nama lama ajjeessuun dhibbaa ol ammoo madeessaniiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button