header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Isra’eel lammiilee Turkiyaa kan magaalaa Al-Quds keessatti qabdee turte gad lakkiste


Isra’eel lammiilee Turkiyaa sadi Juma’aa dabre magaalaa Al-Quds keessattii qabdee kan hiite yoo tahu, guyyaa kaleessaa ammoo kan gad lakkifte tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Lammiileen Turkiyaa sadan seensa masjida al-Aqsaa irratti loltoota Isra’eeliitiin qabaman. Isra’eel guyyaa kaleessaa mana murtii eega dhaabdee booda namoonni sadan “mormii seeraan alaa irratti hirmaachuu fi loltoota Isra’elii irratti miidhaa dhaqqabsiisuuf yaalan” himannaa jedhu kan isaan irratti bante akka ta’e gabaasni Anaadooluu Niiwus ni mul’isa.

Lammiileen Turkiyaa himannaa isaan irratti dhihaate kan haalan yoo tahu, namoonni sadeen gara masjidal Aqsaatti seenuuf yeroo yaalanitti loltoonni Isra’eel dhoorkaa akka turan Vidiyoon mul’isu kan argame tahuu gabaasni kun ni addeessa. Akka gabaasni kun jedhutti uffata Alaabaa Turkiyaa fi Falasxiin qabu hanga baafattanitti gara masjidaa hin seentan jechuun loltoonni Isra’eel namoota sadeen dhoorkaa turan.

Manni murtii Isra’eel namoota sadan Sabtii kaleessaa wabiin kan gad lakkise akka taheefi, hanga january1/2018 gara masjidal Aqsaa akka hin seenne jechuun uggure.

Labsii Traamp hordofuun mormiin guutuu Falasxiinitti eega jalqabamee asitti, lotoonni Isra’eel lammiilee Falaasxiin 14 ajjeessuun 500 ol ammoo mana hidhaattii darbaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button