header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Istiingrey

STINGRAY

Uumamni kun Stingray jedhama. Stingray Sanyii qurxummiiti. Qaamni uumama kanaatis kan ajaa’ibaati. Qaamni isaa akka eelee biddeenaa ykn ammoo akka sahanii midhaan irratti nyaannu diriiraadha. Garuu akka eelee fi sahanii san gabaabaa miti. Qurxummiin kun bishaan oowwa qabu filata. Akkasumas bishaan akkaan gad dhooqatu keessa, lafatti gad dhihaatee jiraata. Sanyiin uumama kanaa hanga 60 akka ta’us qorannoodhaan bira gahamee jira. Sanyiin jahatamman kunniin guddina, bocaa fi amala garagaraa qabu.
Stingray qurxummii guddaadha. Qurxummiin kun haga meetira 2 lafarra dheerata. ulfaatinni isaa Kg 360 ni gaha. Qaama hagana bal’atuu fi ulfaatu keessa lafeen hin jiru. Haa ta’u malee wanti akka lafeetti tajaajilu qaama isaa keessatti argama. Kunis sanyiiwwan Shaarkii hedduun isa wal fakkeessa. Sanyiileen qurxummii kan akka shaarkii fi Stingray qaama cartilage jedhamutu akka lafeetti isaan tajaajila. Qaamni akka lafee kan kaartileejii irraa ijaarame kun qaama keenya keessattis ni argama. Qaama keenya keessaa funyaanii fi gurri kaartileejii irraa ijaarame. Haaluma wal fakkaatuun stingray qaama isaa keessaa wanti akka lafeetti isa tajaajilu, jabinni isaa akkuma funyaanii fi gurra keenyaa jira jechudha.
Qaamni qurxummii kanaa bal’aa fi diriiraan kun gama duubaatii ammoo eegee dheeraa qaba. Eegeen isaa kun wantoota qara qabanii fi summii of keessaa qaba. Eegee qara  qabu kana summii wajjiin walitti dabalee diina isa adamsuuf dhufu ofirraa ittiin ittisa. Summii isaa kanaan bineensota gurguddoo heddu ajjeesuu ni danda’a. Doktorooni bara qaroomina Griikii durii turan, summii isaa kana xiqqeessanii fayyadamuudhaan, ilma namaa wal’aanuuf akka dawaa qaama hadoochuutti fayyadamaa turan.
Namoonni hedduun qurxummii kana ajjeesanii eegee isaa irraa, albee fi meeshaa waraanaa garagaraa hojjatan. Stingray du’us summiin isaa yeroo dheeraaf turuu danda’a. kanaafuu du’ee jira jedhanii itti dhihaachuun rakkina guddaaf nama saaxiluu danda’a. Ijji qurxummii kana gama gubbaa qaama isaa irratti argama. Haa ta’u malee diina isaa ittiin ofirraa laaluuf ykn ammoo soorata barbaadatuuf ija isaatti hin fayyadamu. Bakka san waan electro sensor jedhamu qaba. Electro sensorri kanaan chaarjiiwwan uumama biraa irraa bishaan keessatti gad dhiifaman sensegodhee, Diina yoo ta’e jalaa dheessa. Yoo soorata ta’e ammoo saffisaan itti dhaqee adamsa. Qurxummiin kun Hedduminaan  uumamaalee shrimp jedhaman soorata. Afaan isaa ammoo gara jalaatiin argama. Soorata argates irga jabaa qabutti fayyadamee caccabsee soorata.
Akkaataan uumamni kun bishaan keessa daakus kan ajaa’ibaati. Yeroo uumama kana bishaan keessatti argitan waan allaattiin bishaan jala lixxee daakaa jirtu  isinitti fakkaata. Qaama isaa bal’aa san gama fiixee isaa akkuma allaattii olii fi gad sochoosaa bishaan keessa daaka. Uumamni kun hedduminaan kopha kophaa jiraata. Yeroo tokko tokko qofa walitti dhufa.  Stingray hoosiftoota keessatti ramadama. Kanaafuu fakkaattii isaa dhala jechuudha. Yeroo takkaan ilmoolee hanga 6 dhaluu danda’a. ilmooleen dhalatan kunniin guyyama dhalatan san of danda’u. Sooratas yeroma san barbaadatanii sooratu. Jireenya kopha kophaatis yeroma san jalqabu.
Akkuma ofii isaaniitii soorata baraadatanii sooratan, isaanillee uumama hedduuf akka soorataatti tajaajilu. Dabalataanis ilmi namaa eegee isaanii qara qabu san akkasumas summii isaanii sanitti waan haajamuuf adamsee ajjeesa. Sababa kanaaf hedduminaan bishaan qilee keessa gadi fagaatanii jiraatu. Bifti qaama isaanii cirrachaa fi biqiltoota garagaraa bishaan keessa jiraniin waan wal fakkaatuuf, diinni isaan adamsu haala salphaan argachuu hin danda’u jechuudha.
Qophii: Abuu Ibtisaam


 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button