header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaa fi Eertiraan lolli jidduu isaanii ture xumuramuu labsan

Jilli muummicha ministeeraa guyyaa kaleessaa Asmara yeroo gahetti Prezdaant Isaayyas Afworqii fi qondaaltota ol’aanoo biyyaattiitiin simannaan hoo’aan godhameefii jira. Hooggantoonni lamaan marii taasisaniin booda waliigaltee mallatteessanii jiru. Waliigalteen nageenyaa hooggantoonni biyyoota lamaanii Asmaraa keessatti mallatteessan dhimmoota shan irratti kan xiyyeefate tahuun beekameera.

Qabxiileen shaman kunniin:

1. Waraanni biyyoota lamaan jidduu waggoota hedduuf ture ifatti dhaabbachuu fi hariiroon obbolummaa biyyoota lamaanii akka haarayaatti eegalamuu,
2. Hariiroo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenyarratti waliin hojjachuuf,
3. Bu’uuraalee misoomaa akka geejjiiba, Telekominikeeshinii, daldalaa fi hariiroo dippiloomaasii cimsuu
4. Murtee daangaa hojii irra oolchuu,
5. Nageenya naannoo mirkaneessuun, misoomaa fi tumsa cimsuudha.

Haaluma kanaan Guyyaa kaleessaa irraa jalqabee sararri Telephoonaa biyyoota lamaan walqunnamsiisu wooggaoota 20 booda kan jalqabame tahuun beekameera. Dabalataanis biyyoonni lamaanuu Asamaraa fi Finfinnee keessatti dhiheenyattii Imbaasii isaanii hojii jalqabsiisuuf qophii tahuu ibsanii jiru. Dr Abiy Ahmad daaw’annaa guyyaa lamaa xumuruun har’aa waaree booda gara Finfinnee deebi’ee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button