OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaan dangaalee biyyoota ollaa waliin qabdu cufachuu beeksifte

Tatamsaa’a dhibee Koroonaa-Vaayiras kan saffisaan addunyaa irratti babaldhachaa jiru to’achuuf Itoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa fudhatuu ibsite. 

Waajjirri MM ibsa guyyaa har’aa baaseen, MM Abiy Ahmad tatamsaa’a dhibee Koroonaa-vaayras to’achuuf qondaaltota tikaa nageenya biyyattii waliin mari’atuu fi tarkaanfiiwwan haarawa fudhatuu ifoomse.

Tarkaanfiiwwan kanneen jidduu..
• Karaa Rayyaa Ittisa Biyyaatiin sochiiwwan daangaalee irratti godhaman ittisuu
• Wal gahiiwwan namoonni hedduun irratti hirmaatan dameen nageenya dhorkuu
• Waliin jireenya hawaasummaa keessatti ummanni adda faffagaatee akka socho’u taasiisuu
• Qaamni kamuu wal gahii yeroo geggeessu wal irraa fagaatee akka taa’u to’achuu fi
• Hojjattoonni mootummaa manumatti hojjatuun mijatuuf manuma turanii akka hojjatan dhaaman.

Qaamoleen murtee kana hojjiirra oolchanii fi warra murtee kana didan tohatan hundeessuunis dhagahame.

Akkasuma mootummaan Federaalaa tatamsaa’a dhibee Koroonaa-vaayras to’achuuf birrii Biliyoona 5 ramaduun gabaafame.

FB_IMG_1584972317857

Show More

...

Back to top button