header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaan, “odeeyfannoon hidha laga Abbaay hojiin bishaaniin guutuu jalqabame jedhu dogoggoraa”jette

EBC dabalatee Miidiyaaleen mootummaa Itoophiyaa har’a Ministeera Bishaan, Jallisiifi Inarjii waabeeffachuun ‘Itoophiyaan hidha laga Abbaay hojii bishaaniin guutuu jalqabde’ jechuun gabaasan.

Haata’u malee Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Dr. Silashii Baqqalaa, odeyfannoon kun soba jechuun haale. “Odeyfannoo dogongoraati. Hidha guutuu hin jalqabne” jechuun BBCtti hime.

Itti ida’uun Dr Silashiin “bara dabre hidhaan hojjanne galaana irraa Meetira 525 ol ka’a. Bara kana immoo ijaarsa dabalataa hojjatameen amma Meetira 560 gahee jira” jechuun ibse. 

Haaluma kanaan Waqtiin ammaa Ganna tahuu hordofuun “bishaan Roobaa hidha kanaan ittifameetu ol ka’e malee wanni haarayni hin jiru” jedhe.
Masriin odeyfannoon kun dhugaa taanaan UN tti himata isii kan dhiyeessituu fi addatti ammoo Faransaayi fi Jarman deeggarsa kan yaammattu tahuu ifoomsite.
Hanga ammaatti Prezdaantiin Masrii Abdulfattaah al Siisiin dubbachuu baatus, Ministeerotaafi hayyoonni Masrii hedduun Miidiyaa biyyaattii irraa, mootummaan Itoophiyaa dhimmicha irratti ibsa ifa ta’e keennu qaba jechuun gaafata jiru.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa guyyaa kaleessaa baaseen mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee Ityoophiyaa, Masrii fi Suudaan jiddutti bakka taajjabdootaa fi eksipartoonni 11 argamanitti, guyyoota 11’f geggeeffamaa ture walii galtee malee xumuramuu beeksisee ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button