header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaan tajaajila Interneetii irraa guyyatti Doolaara Miliyoona 4 dhabaa jirti

Dhaabbanni ‘NETBLOCK’ jedhamu kan dhimma tajaajila Interneetiin wal qabatu hordofu, mootummaan Itoophiyaa tajaajila Interneetii eegaa cufe torbaan 3 gahuu ibse. 
Dhaabbatichi tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhate kana ‘mirga odeyfannoo argachuu lammiileen qaban sarbe’ jechuunis qeeqe. Akkasumas mootummaan Itoophiyaa galii Inteerneeta irraa argamu guyyatti Doolaara Milliyoona 4 dhabaa jiraachuu ibsuun, kun immoo dinagdee biyyaattii irratti dhiibbaa guddaa qabachuun gabaafame.

Kana malees magaalaan Finfinnee, magaalaa teessoo Gamtaa Afrikaa fi bakka waajjiroonni adda addaa itti argamani yoo tahu, Wiirtuun to’annaa fi ittisa dhibee daddabraa Afriikaa(CDC Africa) odeyfannoo weerara dhibee COVID-19 wal qabatee biyyoota miseensa gamtichaa irraa argatu irratti dhiibbaa fiduus himan.

Hanga ammaatti biyyattiitti tajaajilli Interneetaa %98 kan hin hojjanne tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button