KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti Guyyaa tokkotti Namoonni 1,652 COVID-19’n qabamuun mirkanawe

Qorannoo COVID_19 sa’aa 24’n dabre kessatti namoota 22,252 godhameen, namoota 1,652 irratti Vaayirasiin kun argamu mirkanawe. Walumaagalatti guutuu biyyattiitti Lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii 28,894 gahe jira.

Eegaa Vaayirasiichi Itoophiyaa seenuu labsamee as, Lakkoofsi namoota qabamanii guddaan hardha galmaa’e.

Akkasumas dhibee kanaan lubbuun nama 17 dabre, walumaagalatti lakkoofsi namoota du’anii 509 gahu fi namoonni hardha dhibee kanarraa fayyaan 377 dabalatee walumaagalatti haga ammaatti namoonni 12,037 bayyanachuu ragaan ministeera fayyaa Itoophiyaa irraa argame ni addeessa.

Show More

...

Back to top button