OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti hammi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii % 12.8 dabaluu ibsame

 Ityoophiyaatti hammi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii % 12.8 dabaluu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.

Weerarichi sadarkaa idil addunyaatti % 2, Afrikaatti ammoo % 10 dabaluu gabafame.

Haaluma kanaan Inistiitiyuutiin Fayyaa hawaasa Itoophiyaa, biyyaatti keessatti weerarri vaayrasii koroonaa saffisaan dabalaa jiraachuu  akeekkachiise.

Afrikaatti torbee kan hammi tatamsi’ina vaayrasichaa % 10 yoo dabalu, Ityoophiyaatti ammoo % 12.8 dabaluu ibsameera.

Roobii dheengaddaa qofa namoota qorannoon laabraatoorii taasiifameef kuma 7 fi 819 keessaa vaayrasichi namoota kuma 1 fi 543 irratti argamuu himameera. Haaluma kanaan Namoota qorannoon taasiifameef kana keessaa  % 20 vaayrasichaan qabamuu agarsiisa jedhe Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa.

 Ityoophiyaatti namoonni wallaansa cimaa keessa galanii haalan dabalaa jiraatuu fi Tatamsa’inni vaayarsichaa kutaalee biyyatti hundatti saffisaan dabalaa jiraachuus Initiityuutichi beeksiseera.

 Odeeyfannoo biraatin immoo, Ejansiin dhiyeessii qoricha Ityoophiyaa talaallii vaayarsii koroonaa naannoolee  fi bulchiinsota magaalaa hundaaf raabsuu ibse.

  Talaalliichi bu’ura lakkoofsa raabsaa Ministeerri Fayyaa baaseen bulchinsa magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaa, Amaaraa,  saba fi saballammoota kibba, Sidaamaa, Gambeellaa, Tigraay, Affaar, Beenishaanguul Gumuuz, Somaalee, Hararii fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaaf raabsamuu ibsameera.

Ejensichi torban dabre keessa talaallii vaayrasii koroonaa doozii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 1 fi kuma 84  Jaarmaya walta’iinsa idil-addunyaa talaallin hunda akka walgahuuf hojjetu – kovaaksi (Covax) irraa argate fudhaachuun ni yaadatama.

Show More

...

Back to top button