header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii 272 gahuu gabaafame

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa sa’aa 24’n dabre keessa namoota 3580f qorannoon COVID-19 kan taasifame tahuu fi namoota kana jidduu namoonni faalaman 9 argamu ibse.

Namoota qabamuun isaanii mirkanaa’e jidduu afur seenaa imala biyya alqaban yoo tahu, sadi ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa’e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu fi lama immoo seenaa imala fi tuttuqqaas kan hin qabne tahuu ragaan ministeerichaa ni mul’isa.

Itoophiyaatti walumaagalatti qorannoon laaboraatorii namoota 45,278 taasifame jira, isaan keessaa namoonni 272 qabamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button