header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii Koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 968 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa Jum’aa har’aa baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 5,015 geggeesseen, namoota 137 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaahee 968 gahee jira.

Namoota haarayatti Vaayirasichi irratti argame jiddu 86 dhiira, 51ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii 4-75 tahuu ibsame. Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 109 jiraattota magaalaa Finfinnee yoo tahan, dabalataanis namoonni biroo 2 Naannoo Benshaangul Gumuz irraa, namoonni 8 naannoo Oromiyaa irraa, namoonni 17 ammoo naannoo Amaaraa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.
Namoota guyyaa har’aa Vayirasichi irratti argamuu ibsame jidduu 20 imala biyya alaa irraa kan deebi’an yoo tahan, 8 ammoo namoota kanaan dura Vaayirasichaan qabaman waliin wal qunnamtii qabaachuu gabaafame. Namoonni 109 ammoo seena imala biyya alaatis tahee , nama kanaan dura dhibame waliinis wal qunnamtii hin qaban.
Akka gabaasa ministeera faayyaatti Itoophiyaa keessatti walumaa galatti hanga guyyaa har’aa qorannoon labraatorii 101,581 kan gaggeeffame tahuus ibsame.

Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, manguddoo umurii 62 dhibee birootiif Hospitaala keessatti yaalamaa tureef qorannoo geggeeffameen vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe akka taheefi, haata’u malee manguddichi bu’aan qorannoo osoo hin beekamin dura du’uu beeksise. Haaluma kanaan lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 8 gahuu ibsame.
Wiirtuun ittisa dhibee Afrikaa ibsa kaleessa baaseen Ityoophiyaa keessatti weerarri vaayirasichaa to’annaan ala bahaa jira jechuun akeekkachiise. Africa CDC akka jedhetti , biyyattii keessatti namoonni seenaa imalaa tahee nama kanaan dura COVID-19 qabame waliin walqunnamtii hin qabne baayi’inaan argamaa jiraachuu ibsuun, kun immoo weerarri vaayirasichaa hawaasa keessa faca’uu mul’isaa jedhe. Mootummaan Ityoophiyaatis ibsa kaleessa galgala baaseen vaayirasichi saffisaan hawaasa keessa faca’aa jiraatuu amanee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button