header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ityoophiyaan dhimma laga Abbaay irratti tumsa malee filannoon biroo kan hin jirre tahuu beeksiste

Prezdaant Saahilawarq Zawdee Kora Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 74ffaa irratti,  Khamiisa kaleessaa haasaya gooteen dhimmoota kaafte jiddu tokko waa’ee laga Abbaay yoo tahu, Ityoophiyaan dhimma laga Abbaay irratti biyyoota naannawa laga kanaa jiran waliin walii tumsuun alatti filannoon biroo kan hin qabne tahuu himte.

 

Prezdaant Saahilawarq itti dabaluudhaanis “Lagni Abbaay biyyoota naannoo yaa’a laga kanaa keesssa jiraniif qabeenya waliiniti malee, madda walshakkii fi walmorkii ta’uu hin qabu”jette. Kanaafis biyyoonni yaa’a laga Abbaay keessa jiran gamtaan akka hojjatan waamicha dabarsite.

 

Gama birootiin ammoo mootummaan Masri, Ityoophiyaan bu’aa mataa ofii qofa hordofuun biyyoota yaa’a laga Abbaay jiran kanneen biroo moggatti dhiistee hidha ijaaraa jirti jechuun yakke. Haaluma kanaan Ityoophiyaan ijjannoo isii akka laaffistuuf hawaasni addunyaa dhiibbaa akka irratti godhu, Masriin duula dipilomaasii bal’aa tahe jalqabuu isii gabaasuun keenna ni yaadatama.

Sahlawork

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button