Gurbaan tokko ergamaa Rabbii Muhammad (ﷺ) tti dhufee ” yaa Ergamaa Rabbii! Dalagaa yoonin isii dalage Rabbii fi namnilleen na jaalatutti mee na qajeelchi” jedhe
Rasuulli (ﷺ) “Duniyaa irraa dantaa dhabi! Rabbiin si jaalata. Waan harka namaa jiru irraa garagali(kajeellaa dhiisi)! Ilmi namaa si jaalata” jedheen dhaameef.
Dubbiin jabduun tana! Warri fedhii lubbuu isaanii guutuuf dhama’an, warri asirratti ol’aantummaa kajeelu, warri duniyaa gabbaru Rahmata Rabbiitiin wal hin argu. Addunyaa irraa dantaa dhabuun dirqama. Dantaa dhabuu jechaan hojii dhiisanii taa’uu miti. Onnetti qabatanii, duniyaa tana kaayyoo godhachuu dhabuudha. Qooda kee jaalattee, haqa namaatiif firinxiixuu dhabuudha. Addunyaan mandara qormaataati. Dhiifnee qullaa keessaa bahuuf jiraanna. Osoo isiin nu hin dhiifne, dursinee haa dhiifnu. Osoo isiin nuun hin taphanne, dursinee itti haa qophoynu. Nuti warra boru Jannatatti qanani’uuf hawwii dheereeffatee, xiqqoo arraa lakkise. Addunyaa irratti hin waarru. Waan dhiisuuf jiraanutti qaamaafi qalbiin hin qaarru. Qooda kee jaaladhu! Xiqqoo qabdu amamfadhu. Waan harka namaa jiruuf hin maraatin. Beekkumsa, dandeettii fi humna qabduun sossohi. Nama kadhachuu dhiisuun sammuuf boqonnaa kenniti. Kadhaan kabajaa namarraa fuuti. Namni kabajaa hin qabne sadarkaafi gammachuus hin qabu. Gammachuun if dandahuu irraa jalqabdi.
Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Namni qur'aanarraa waa takkallee haffazee qomaa hin qabne akka mana onee…
Omaan weerara Covid-19 ittisuuf to'annoo kan cimsite yoo tahu, haaluma kanaan torbaan lamaaf Ityoophiyaa dabalatee…
Hayyoonni Islaamaa akkana jedhan- Islaamummaa keessatti, Warroonni Milkaa'an warra lubbuu isaanii doydhummaa irraa tiksanii walaba…
Nabi Muhammad(ﷺ) akkana jedhan: “waa afur goggogina(qalbii) irraahi: ijji imimmaan irraa goguu, qalbiin goguun, hawwiin…
Lubbuun hundinuu du'a dhandhamtuudha, garuu lubbuun takkallee eessattii fi haala kamiin akka duutu hin beektu!Rabbiin…
Kitaabni Seenaa Shanan Gibee jedhu kan Injineer Ustaaz Gaalii Abbaabooriin qophaa'e Sabtii har'aa, magaalaa Jimmma…
View Comments
inshaa allaah iznii Rabbiitiin
Assallamalekum Rabbiin sinirahajalatu
maassha Allah