header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Jaarmayaaleen Hawaasa Muslimaa Ameerikaa keessa jiran Afur garaagarummaa jidduu isaanii ture hiikuun waliin hojjatuuf murteessaan

Jaarmayaaleen hawaasa biyya keennaa kunniin magaalaa Washington keessatti kan argaman yoo tahu, garaagarummaa jidduu isaanii yeroo dheeraaf ture furuun tokkummaadhaan hawaasa muslimaa tajaajiluuf qophii tahuu isaanii ibsa baasan.

 

Jaarmayaaleen kunniin First Hijra Foundation, Badr Itoophiyaa, Salam Foundation fi Gamtaa warraaqsa Muslimoota Itoophiyaa tahuun beekameera. Walitti qabaa koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad, Ustaaz Badruu Huseenii fi Ustaaz Nabiyyuu Ayyalew Sagantaa hundeeffama First Hijra Foundation kan waggaa 30 fi Kora waliigalaa Badr 18ffaa torbee darbe keessa magaalaa Washington keessatti geggeefamaa ture irratti hirmaachuuf gara Ameerikaa kan imalan yoo tahu, rakkoo dhaabbilee hawaasa muslimaa kanneen jidduu ture jaarsummaan kan araarsan tahuun beekameera.

Dhaabbileen kunniin xumura marii isaanii irratti, rakkoowwan jidduu isaanii ture eega qoratanii booda, tokkummaan hojjatuuf  walii galtee mallateessanii jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button