header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Jaarmayni Tokkummaa Baratoota Oromoo biyya Suudaan barattoota haarayaaf sagantaa simannaa  geggeesse

Jaarmayni kun waggaa waggaan barattoota biyya irraa Yunivarsitii fi Kolleejjiiwwan Suudaan keessatti barachuuf carraa argatanii garas imalan sagantaa baga nagayaan dhuftanii qopheessuun kan simatu yoo tahu, barattoota bara kana carraa barnootaatiin gara Suudaan seenan bifa ho’aan kan simate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Sagantaa Simannaa barattoota haarawa kana irratti ulamaa’onni, daa’iiwwan gurguddoon biyya keennaa akkasumas keessummoonni biroo hedduun argamuun qooda kan irraa fudhatan tahuu maddeen gabaasaan.

 

Keessummoota argaman jidduu:-  Doktor Abdallah Makii, Profeesar Alii Sammaan, Dr Muhammad Al Hibr Yuusuf, Ustaaz Usmaan Saalih Mahmuud, Ustaaz Kamaal Amaan Gammadaa, Dr Sayid Juneeydii, Dr Abdulrahman, Dr Jibril Qamar, Ustaaz Musxafaa Huseen, Ustaaz Nasraddiin Alii, Sheikh Muusaa Muhammad, Sheikh Usmaan fi Hayyoonni birootis hiramatuun beekameera.  Imbaasii Ityoophiyaa Khaartum jiru bakka bu’uun Obbo Hirkoo Gaarii sagantaa kana irratti hirmaatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button