header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooOduu Ajaa'ibaa

Jaartiin Sababa Jaarsi isii haalaan isii jaalateef, akka na hiiku jettee mana murtii Shari’aatti himatte

UAE tti guyyaa lama dura dubartiin takka, mana murtii Shari’aa Fujaira tti , jaalalli abbaan manaa kiyya anaaf qabu garmalee baay’atee jirra sababa jedhuun akka hiiku himata abbaa manaa isii irratti banuu Daily mail gabaase.

Jaartiin tun himata isii irratti: Abbaa manaa kiyyaan eega walfuunee waggaa tokko geenye jirra, turtii keenya kan waggaa tokko kanatti, jaarsi kiyya guyyuma tokkollee natti dallanee hin beeku, guyyaa irra Keennaa anaaf kenna, osoo na hin gaafatin mana keenyas qulqulleessa, nama mana tokko keessa waggaa guutuu waliin jiraate jidduu akkamitti waliitti bu’iinsi dhabama, haalli kun haga yoom akkasiitti itti fufa, jechuun akka adda bahan mana murtiitti himata bante.

Jaarsi isiitis mana murtiitti dhiyaate deebisaa Abbaa seeraaf keenne irratti: “Ani haga danda’u Jaarsa gaarii tahuuf tattaafii godha ture. Eega wal fuune amma waggaa tokko, Ilma namaa ta’ee kan hin dogogorre hin jiru, kanaaf dogogora kiyya irra baradhe akka of sirreessu carraan haa naaf keennamu”jechuun mana murtii gaafate.

Abbaan seeraa yaada isaan lamaani eega dhagaye booda, jaarsaa fi Jaartiin waliin mari’atanii rakkoo isaan jidduu jiru akka hiikan ajaja dabarse.

14 Comments

  1. Maasha Allha haaluma kanaan itti fufaa
    baay,ee baay,ee namatti tolaa
    mindaa keeyissan Rabbin jannataan isiiniif Hadeebisu Hojjettoonni NRH hundi keessanu!

  2. Maasha Allha haaluma kanaan itti fufaa
    baay,ee baay,ee namatti tolaa
    mindaa keeyissan Rabbin jannataan isiiniif Hadeebisu Hojjettoonni NRH hundi keessanu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button