header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Jaguwaarandii

 Mee amma ammoo Xayyaara yaadaa yaabbannee gara ardii ameerikaa haa imallu. Bineensi hardhaaf isinii filadhes Sanyii Adurreeti. Bineensi kun Jaguarondi jedhamuun beekkama. Hedduminaanis biyyoota jiddu gala Ameerikaa, Kibba Ameerikaa Kaabaa (Southern Part of North America) fi Ameerikaa kibbaa keessatti argama. Jaguarondiin sanyiiwwan saddeet qaba. Naannoo haala qilleensa garagaraa qabu keessa jiraachus ni danda’a. Bosona tuucha’aa irraa kaasee, eddoo lafa diriiraa muka tokkoo hin qabne keessas ni jiraata. Haa ta’u malee soorata gahaa fi bishaan argachuun dirqama. Har’aan tana lakkoofsi isaa xiqqaachutti jira. Sababni isaatis ilmi namaa uumama kana adamsee ajjeesuu isaati. Ilmi namaa foon Jaguarondii nyaachuudhaaf osoo hin taane, bineeldota manaa ofii tikfatuudhaaf jecha ajjeesa. Anis waa’ee uumama kanaa qabxii muraasa isiniif dhiheessaa haga xumuraatti obsaan dubbisaa.
Qaamni Jaguarond lafaa ol Seentimeetira 30 dheerata. Mataa isaa irraa kaasee hanga fiixee eegee isaa dheerinni jiru ammoo sanyii irraa sanyitti garaagarummaa qaba. Sanyiin xiqqaan seentimeetira 53 kan dheeratu yoo ta’u, inni guddaan ammoo haga seentimeetira 70 dheerata. Akkasuma ulfaatinni isaatis garaagarummaa qaba. Xiqqaan Kilograama 4.5 ulfaata. Guddaan ammoo haga kilograama 10 ulfaata. Halluun rifeensa Jaguarondii irra jiru gosa sadi qabaatus, jaguarondiin tokko garuu bifuma tokko qofa qabaata. Halluun sadan uumama kanaatis bifa gara diimaa dabu, daalachaa fi magaala. Jaguarondiin Bosona akkaan tuucha’aa keessa jiraatu bifa dimimmisaa’aa kan qabu yoo ta’u, inni naannoo biraa jiraatu ammoo bifa calaqqisaa fi ifaa qaba. Jaguarondiin qaama dheeraa fi qal’aa qaba. Mataan isaa xiqqaadha. Miilli isaa ammoo gabaabaadha. Eegeen isaatis haalaan dheeraadha..
Akkaataan jireenya isaa sanyiiwwan adurree kanneen bosona keessa jiraatan irraa garaagarummaa qaba. Hedduminaan lafa irra kan turu yoo tahu, soorata isaatis lafuma irra deddeemaa barbaadata. Yoo boqonnaa barbaade qofa muka gubbaa koree rafa. Dabalataan uumamni kun bishaan daakuu ni danda’a. sababa kanaafis hedduminaan naannawa bishaan jirutti dhihaatee jiraata. Uumama guyya guyyaa socho’u kan ta’e Jaguarodndiin, soorata barbaacha fageenya akkaan dheeraa deema. Sooranni isaa guutumaan guututti fooni. Qurxummii fi raacha bishaan keessaa, Simbira samii gubbaa, akkasumas lafa irraa ammoo reptaayilootaa fi hoosiftoota xixiqqoo adamsee soorata. Simbira samii gubbaa barartu, osoma isiin bararaa jirtu yoo isiin lafatti gad dhihaatte utaalee qabatuu danda’a. Simbira qabatuudhaafis haga meetira lamaa lafarraa ol  utaaluu ni dandaha.

Jaguarondiin uumama kopha kopha jiraatu yoo ta’u, hunduu qubsuma mataa isaa tolfatee jiraata. Dhiirri tokko qubsuma akkaan bal’aa ta’e qabatee keessa jiraata. Kan dhalaa garuu akkaan xiqqaadha. Qubsumni dhalaa fi dhiiraa yoo walitti maxxane ykn ammoo ollaa walii yoo ta’an, warri kunniin lamaan akka jaarsaa fi jaartiitti waliin jiraatu. Walqunnamtii wal hormaataatiifis fagaatanii hin deeman. Rimayni Jaguarondii  guyyaa 70 hanga 75ii tura. Dhalaan takkas haga ilmoolee afurii dhalti. Haadhoon Jaguarondii wayta dhaluutti dhihaattu, dursitee bakka itti dhaltu qopheessiti. Sanyiin gariin boolla qotti, gariin ammoo holqa mukaa keessatti dhalti, gariin ammoo marga akkaan tuucha’aa keessatti dhali. Kun hundi ilmoolee isaanii rakkina isaan mudachuu danda’urraa eeguudhaafi.

Ilmooleen Jaguarondii wayta dhalatan rifeensi isaanii bifa barruu qaba. Bifti barruun kunis adaduma isaan guddataa deemaniin gara halluu tokkootti jijjiiramaa deema.  Osoo heddus hin turin gaafa ji’a kudhan guutan ammoo ofuma isaaniitii oliigad deemaa adamsuu jalqabu. Haa ta’u malee haadha biraa hin fagaatan. Wayta waggaa lama guutan haadharraa fagaatanii, qubsuma mataa isaanii tolfatanii jiraachuu jalqabu. Gaafa waggaa 3 guutan ammoo walhormaataaf qophii ta’an. Jaguarondiin walumaa galatti haga waggaa 23 jiraachuu danda’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button