header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jama’aan Masjiida Ansaar lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqifamaniif deggarsa godhan

Jama’aan masjiida Ansaar kan magaalaa Finfinnee naannawa Ayyerxeennaatti argamuu, lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqifamuun naannawa magaalaa Finfinnee iddoo Galaan jedhamuutti qubsiifamaniif deeggarsa Firaashaa fi uffata halkanii kan godhan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Deeggarsa godhame kana irratti Ulama’oonni fi Ustaazonni kan argaman yoo tahu, namoota argaman jidduu Dr Kamaal Galatuu, Ustaaz Muhammad Faraj, Sheekh Mahmuud Huseen, Sheekh Abdulrahman Usmaan, Sheekh Abdulhaliil fi Haaj Abdulrahmaan Khadiir keessatti argamu. Bulchiinsi magaalaa Galaanis kan argame tahuun beekameera.

Ulamaa’onni fi Jama’aan deeggarsa kana masjiida Ansaar ummanni Galaaniitti qubsiifame rakkoo keessa jiraatuu ibsuun hawaasni muslimaa deeggarsa godhuufii akka qabu dhaamsa dabarsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button