header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Jarmanitti Qondaalli Paartii AfD tokko Islaamummaa Qeebaluun Gabaafame.

Jarman keessatti Qondaalli ol’aanaan Paartii jibbiinsa Muslimootaa leellisuu tokko Islaamummaa qeebaluun paarticha gad lakkise.

Hogganaa Ol’aanaa paartii “Alternative for Germany(AfD)” kan tahe Mr Arthur Wagner biyya Jarman Kutaa Brandenburg keessatti itti gaafatamaa paartichaa kan ture yoo tahu, amantii Islaamummaa qeebaluun hojii isaa kan gad lakkise tahuu dubbi himaan paartii AfD mirkaneesse.

Mr Wagner Sababaa Paarticha lakkisee Islaamummaa qabateef gaaffii gaazexaan biyyattii beekkamaan Tagesspiegel jedhamu dhiheesseef, “Kun murtii dhuunfaa kiyyaatti”jechuun deebise.

Arthur Wagner paarticha keessatti itti gaafatamaa dhimmoota Amantii kan ture yoo tahu, paartichi filannoo bara 2017 sagalee 12.6% argachuun yeroo jalqabatiif paarlaamaa biyyattii keessatti barcuma akka argatu gahee guddaa nama bahe akka tahe gabaasni Deutsche Welle ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button