header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jeequmsa Magaalaa Jijjigaatti ka’e hordofuun Ministeerri Raayyaa ittisa biyya ibsa baase.

Prezdaantiin naannoo Somaalee Abidi Muhammad Umar naannichi biyyattii irraa fottoquu labsuudhaaf qophaayaa jiraachuun isaa eega himamee booda waraanni makkalaakayaa Sabtii dheengaddaa gara magaalaa Jigjigaa seenuun dhaabbilee mootummaa naannichaa kan too’atee ture tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Haata’u malee waraanni makkalaakaayaa magaalattii gad lakkisee kan baye yoo tahu, magaalaan Jigjigaa hanga guyyaa har’aatti jeequmsa hamaa keessa jirti. Deeggartoonni Prezdaantichaa fi waraanni Liyyuu poolisii lubbuu fi qabeenya Saboota biroo irratti  haleellaa raawwataa jiran. Hanga ammaatti lakkoofsi namoota du’anii fi madaayanii hin beekamne. Baankii hujii gamtaa Oromiyaa damee Jigjigaa dabalatee qabeenyi lammiilee dhalattoota naannicha hin ta’inii saamamaa kan jiru tahuun gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Kanuma hordofuun Ministeerri Rayyaa ittisa biyyaa ibsa guyyaa  kaleessaa baaseen, jeequmsaa fi hokkara naannoo Somaaletti umaame dhaabuf heera mootummaa irratti hundaayuun tarkaanfi barbaachisaa ta’e ni fudhatama jedhe. Ministeerichi ibsa isaa kanaan Jeequmsi magaalaa Jigjigaa keessatti uumame gara magaalota naannichaa kanneen biro keessattis kan babal’ate tahuu ibsuun:

“Haala kanaan nageenyi hawaasa naannichaa rakkoo keessa gala waan jiruuf raayyan ittisaa hokkaraa fi jeequmsa umaame kan callisee ilaaluu waan hin qabneef nageenya naannoo tasgabeessuf karaa heera mootummaa eeggateen tarkaanfiin barbaachisaan kan fudhatamu  ta’uu cimsinee hubachiisna”jedhe.

 

Ministeerrii dhimmoota Komunikeeshiinii mootummaa federaalaa Obboo Ahmad Shidee Waraanni Makkalaakaayaa fi poolisiin Federaalaa gara naannoo Somaalee seenee nageenyaa naannichaa akka too’atu kan ajajame tahuu beeksise. Haaluma kanaan Waraanni Makkalaakayaa fi Poolisiin federaalaa guyyaa kaleessaa irraa kaasee gara naannichaa seenanii jiru. Prezdaantiin naannichaa Abdi Umar guyyaa kaleessaa taayitaa irraa kan buufame yoo tahu, har’a waraana makkalaakayaatiin qabamee gara Finfinnee kan geeffame tahuu BBC’n gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button