header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Jilli Mootummaa Omaan gara Falasxiin imaluun Prezdaant Mahmuud Abbaas waliin mari’ate

Prezdaant Mahumuud Abbaas Alhada har’aa West bank magaalaa Ramallah keessatti  jila mootummaa Omaan qeebaluun mari’atee jira. Jilli kun Xalayaa Amiira Omaan Sulxaan Qaabuus Bin Sa’id irraa Bulchiinsa Falasxiiniif ergame Mahmuud Abbaasitti kennanii jiru.

 

Guyyaa lama dura muummichi ministeera Israa’el gara Omaan imaluun Sulxaan Qaabuus waliin eega mari’atee booda, lammiileen Falasxiin marii san cimsanii balaaleffataa turan. Mormii Falasxiinotaa kana hordofuun mootummaan Omaan ibsa kenneen, daaw’annaan Neetaaniyaahuu ijjannoo Falasxiiniif qabnu irratti dhiibbaa tokkollee hin qabu, haa ta’u malee Israa’eel biyya naannawa keennatti argamtu tahuu beekamtii kenninee, Israa’el ammoo biyya Falasxiinotaa Walaba teheef hatattamaan beekamtii akka kennitu dhiibbaa irratti godhuu qabna jedhe.

 

Israa’el fi Omaan kanaan dura ifatti hariiroo tokkollee kan hin qabne yoo tahu, yeroo jalqabatiif bara 1994 muumichi ministeera Israa’eel yeroo sanii Yizhaak Rabiin Omaan daaw’achhuun hariiroo daldalaa jalqabuudhaaf walii galanii turan. Haa ta’u malee Fincilli Falasxiinotaa Intifaadaa 2ffaa dhoohuun walqabatee Omaan bara 2000 hariiroo Israa’eel  addaan kuttee turte.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button