header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Ustaaz Raayyaan durfamu boottee bishaanii lama ummata nannoo Soomalee irraa buqqa’eef bite.

Jilli Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaatiin durfamu lammiilee Oromoo Mootummaa Naannoo Sumaaleetiin qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqifamaniif boottee bishaanii lama bituun gara Aanota gammoojjii Godina Baalee keessa jiranitti ganama har’aa imala kan jalqaban tahuu gabaasni arganne ni ibsa.
Bootteewwan bishaanii kunniin kan bitaman gargaarsa maallaqaa lammiileen Oromoo biyya Sa’uud Arabiyaa Magaalota Makkaa fi Jiddaa irraa argameen tahuunis beekameera.
Haaluma wal fakkaatuun lammiileen Itoophiyaa saboota Amaaraa, Silxeefi Guraagee Afrikaa Kibbaa iraatan midhaan nyaataa Kankolaataa FSRlama kan gummachan tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button