header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jiraattonni Harargee Lixaa Haasawa itti aantuu Prezdaantii naannoo Oromiyaa morman.

Torbee lama dura jiraattoonni Godina Harargee Lixaa Aanaalee fi Magaalota adda addaa irraa gara magaalaa Ciroo dhufuun, hoggantoota godinarraa ramadaman mormuuf hiriira nagayaa bahuun isaanii ni yaadatama. Rakkoo godinichaa kana furuuf itti aantuun Prezdantii naannoo Oromiyaa Aadde Xayyibaa Hasan gara magaalaa ciroo kan imalte yoo tahu, wal gahii magaalaa Cirootti gaggeeffame irratti “Hogganaa nuti Oromiyaa irraa isinitti ergine malee, kan isin filattan hin tahu”jechuun dubbatte.

Dubbiin Aadde Xayyibaa kun Jiraattota Godinichaa guutuu kan dallansiise yoo tahu,
Guyyaa har’aa jiraattonni magaalaa Baddeeysaa hiriira bahuun dallansuu isaanii ibsataa oolaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button