header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Kaadhimamaan Filannoo Prezdaantummaa Chiilii tokko, Isra’eel “farra nageenya addunyaati ” jedhe.


Edwardoo Artes filannoo Prezdaantummaa Chiilii Novembeer 19/2017 geggeeffamu irratti kaadhimamaa yoo tahu, gaaffii fi deebisaa Televiziyoona Hispaan TV jedhamu irratti kenneen, Isra’eel nageenya addunyaatiif balaadha jechuun dubbate. “Isra’eel nageenyaa fi dachii irra jirachuu ummata Arabaa, keessamaayyuu kan ummata Falasxiin hin barbaaddu; kun immoo nageenya addunyaa daran kan miidhu” jechuun ibse.

Mr Artes itti dabaluudhaan akka jedhetti, Prezdaantii ta’ee yoo kan filatamu ta’e, Walitti dhufeenyi Chiiliin mootummaa Yahuudotaa waliin qabdu guututti irra deebi’uun kan gulaalamu tahuu beeksise. “waliigaltee yeroo ammaa Chiiliin Mootumma Zaayonistii waliin qabdu, kan akka waraanaa, poolisii, diinagdee fi aadaa hundi walabummaa biyya keenyaa kan cabse waan ta’eef, mootummaa jalala biyyaatii fi ummataa qabu biratti fudhatama kan hinqabne waan ta’eef guutumatti irra deebiin ilaalama” jedhe.

Ji’a Adoolessa dabree keessa Paartiin Mr Artes “Patriotic Union” jedhamu, Isra’eel Falsxiinota irratti duguuggaa Sanyii adeemsisaa jirti jechuun ibsa baasee kan ture yoo tahu, Ibsa barreeffamaan tamsa’ee ture san irratti, Suraan Mr Edwardoo Artes alaabaa Falasxiin qabachuun ka’e waliin kan maxxanfame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Chiiliin biyyoota Arabaatiin alatti, biyya hawaasni Lammii Falasxiin 300,000 ol tahu keessa jiraatu yoo taatu, Isra’eel walitti dhufeenya biyyattii waliin qabdu fooyyessuuf kan yaalaa jirtu tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button