header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KaanaadaaOdeeyfannoo

Kaanaadaan Hoggantuu Miyanmaar lammummaa kabajaa kenniteefii turte irraa mulqite

Paarlaamaan Kaanaadaa torbee dabre dararaa fi ajjeechaa Miyanmaar keessatti muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame, duguuggaa sanyiiti jechuun labsuun isaa ni yaadatama. Paarlaamaan Kaanaadaan labsii san irratti, hoggantuun Miyanmaar Ang San Suchii dararaa fi ajjechaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame dhaabsisuudhaaf fedhii dhabuu isii cimsee balaallefate. Kanuma hordofuun Khamiisaa kaleessaa ammoo seera tumtoonni Kaanaadaa lammuummaa Kabajaa Ang San Suchiif kennamee ture sagalee guutuun irraa mulqan.

 

Suchiin bara 2007 keessa “qabsooftuu dimokrasii fi mirga namoomaa”jedhamtee bulchiinsa magaalaa Ottawa irraa lammummaa kabajaa argattee turte. Haata’u malee hoggantuun Miyanmaar tun, duula ajjechaa waraanni biyyattii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwate, kan ummata 700,000 ol qe’ee isaa irraa buqqisuun gara biyya ollaatti baqachiise balaaleffatuu dhabuu isiitiif gar malee qeeqamaa turte.

 

Haaluma wal fakkaatuun bara dabrellee Bulchiinsi magaalaa Oxford, UK, badhaasa Kabajaa Ms Suchiif kennee ture, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame dhaabsisuu dhabuu isiitiif kan irraa mulqe tahuun ni yaadatama.

Kaanaadaa1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button